(Madda Oduu ABO/MOA/Amajjii 5,2010) Saaminsa qabeenya uummataa waliin wal qabatee haalli naannoo Booranaa fi Gujiiti dhalachaa jiru diddaa dhalche jabaataa jira. Saaminsa namoota dhuunfaa fi dhaabootaan Oromiyaa mara irratti gaggeeffamaa jiru kan faallaa akeeka guddina hawaasa ta’uun hubatamaa dha. Haala kanaan Oromiyaa naannoo Boranaa fi Gujiitti namooti dhuunfaa Alamuddiinii fi Azeebin saamiinsa Lafa fi Albuuda Warqee gaggeessuuf ummata Oromoo Gandaa 12 keessaa buqqisani itti duroomuuf lafaa fi bosonaa dabalatee heektaara 4000 fudhataniif jecha diddaan uummatnii eegale jabaachaa jira. Ummati naannoo fi Barattootni Oromoo Gandii 12 keessaa lafa dhalootaa fi jireenyaa isaanii irra buqa’u diduun “osoo lubbuun jirruu fi ija keenyan laalluu lafa keenya irraa hin buqqaanu, hin ariyatamnu” yoo dhimmi kun dirqamaan haa raawwatu jettan ammoo humna waraanaa waan qabdaniif lafa keenya irratti nu fixaati fudhadhaa malee lafa keenya irraa buqa’uu hin haayyamnu jechuun diddaa isaanii muldhisaa jiru.
Lukkeen diinaaf ulee ta’uun saba saamsisaa jiran gaaffii haqaa fi haala ummataa hubatuun gaaffii abbaa biyyummaa fi lafa ofii irratti murteessoo ta'uu gara dabarsuun uummata naannoo maqaa ABO tu nu keessa isin kaahe jedhanii kijibaan yakkuuf tattaafatan. Ummati guddeessi kun fincilaa addaaf akka kaka’aa jiru ni beekna, innis ABOn maqaa albuuda fi lafa jechuun bifa jijjirratee nutti ka’eera, Namoota bakkee biraa irra hojiin dhufanii as jiranii nannoo keenya gad dhiisaa deemaa jedhaniiru, ummatumalle akka addaan qodamuuf Gujii fi Boranni akka wali jibbu falla lamaan isaan gidduutti jechoota hin barbachisnee odeessa wal dhabsiisaa jiru, kanneenf ka biroos dabalanii gaaffi Uummaticha gara hin yadamiinitti fi gaaffii mirga lafa ofii irra jiraachuu jijjiranii.
Ilmaan Oromoo hubannoo qabanis lukkeeleen waan tokkummaa Oromoo diigu faacaasuun hubatuun bakkuma waliitti qabaniitti hasawaa diiggaa isaanii kana hubachuun, “nuti dhibee keenyaa fi rakkoo keenya yeroo isinitti himaannu fi dogoggora ofii keessan hojjettanii fi akka of qajeelchitanii yeroo abdatnu isin saaminsa halagaa nu oolchitan jetnee abdannutti dogoggora ofii hojjettan dhokfachuuf fi yaada uummataa gara dabarsuuf fi of irratti amantaa dhabuun ABO tu kana tolche jettu." Kun ammoo isin ABO waan sodattaniif Uummatnii kun ABOdhaa jettu kanaaf nuti homaa gochuu hin dandeenyu isin nu bulchuuf haamlee fi dandeetti akka hin qabne ni beekna. Halagaa qabeenya nu saamuu fi lafa irraa nu buqisu nutti faarsitu. Kanaaf nutillee isinin hin feenu amma dhaabni dhugaa lafa keenya nuuf hawwu, guddinaa fi badhaadhina keenyaaf waardiyyaa dhaabbate, nuti itti abdatnu fi feenu nuuf dhufuttu OFDN fi/ykn KUO nu haa bulchan! jechuun ifaa ifaatti itti himaan. Ergamtoonni kana aarte loltuu itti bobbaasuun akka malee uummata reebaa fi hala sukkanneessaan hiitee akkaataa dhala namaaf hin malletti hiraarsaa jiru.
Injifannoo Ummata Oromoof!